Finfinnee sin arge ati qaanii hin beektu
Bishaan gabateerraa gar geessan kan deemtu
Gantuu lafaa taatee galfata kan nyaattu
Maaf si biraa hin hafu ammalli ergaa deemtu?
Bar dheengaddaa dura yaadattaa waan goote
Guddachuuf Adaamaa deemaa gaafa jette
Sababa isa kamtu Adaamaa nu geessa
Guddachuu hin dandeenyuu as teenyee si keessa?
Jennee si gaafannaan shakkinee duuba kee
Atis akkas jettee nuuf laate deebii kee
Yoo Adaamaa deemtan carraa guddaa argattu
Kan fuulleetti argamu gamoo dheeraa ijaartu
Adaamaan guddattee isinis duroomtu
Carraa hojii heddu hawaasaafis bantu
Jettee nutti himtee holola kalaqaa
Nuun qe’eerraa ariite ormaaf karra saaqaa
Deebiin kee nuu hin taane guddoo qabna shakkii
Finfinnee gad dhiifnee tasa hin deemnu lakkii
Jedhee warra dide soba keen gowwoomuu
Deebiin ati laatteef hin dagannu yoomuu
Gariin siif hidhamee, gariin si’iif du’ee
Kaan barnoota dhaabee, kaan hojiirraa ka’e
Jiraatti dhaalamuun kan garaa bobeesse
Gaafa ari’ame ormaaf qe’ee dhiisee
Gariin akkas jedhee xuurii sitti kuuse
Finfinneen kan keenya keessatti guddanna
Aadaaf afaan keenyas keesatti barsiifna
Afaan guutnee jennee osoo qabnuu kaayyoo
Guddina nu dhoowwuuf erga hiitee kiyyoo
Ati nuuf hin taatu siif jenneerra wayyoo
Harka kee siif laata guyyaasaa Waaqayyo
Osoo oolee hin buliin guyyaan isaa ga’e
Akka ati eegde hafee salphina kee ta’e
Osoo sirraa hin ka’iin ciqileen waraaboo
Yeyyiin sitti dhufte wal waammattee daboo
Boolla itti baqattu
Atis gaaf wallaaltu
Yaada kee jijjiirtee
Numatti iyyatte
Warra dur tuffatte
Ofuma kee taatee nama tufee arraabe
Guyyaan qaanessite kan si waliin sobe
Icitii murtoo kee kan wallaale hin turre
Nuuf gallaan callifne dhugaan akka hin jirre
Kan duraa osoo hin fayyiin dhibee madaa keenyaa
Ari’as nu balleessuuf hidhattee ka’aakee dhageenyaa?
Magaalota Oomiyaa warreen beekan safuu
Ollaa koo taa’anii maaf kabajaan hafuu?
Isaanis haammadhee haangoo koo diriirsee
Warra qotee bulu lafa isaa irraa kaasee
Gamoowwan dhedheeraa wal cina ijaarsisee
Abbaa qe’ee iyyoomsa keessummaa duroomsee
Waan jettu fakkaatta kanat nu yaaddeesse
Jarreen ollaa keetii erga ofitti maktee
Guddina magaalaa sababa godhattee
Lafa qonnaa hirtee dhaabdee gamoo ammayya
Qotee bulaa keenya gootaa laa waardiyyaa?
Waarreen hin dagatiin aadaaf safuu durii
Qe’eerraa buqqiftee ormaaf laattaa tarii?
Dhuguma yaddeetimmoo ollaa kee guddisuu
Diinaaf ergaa dhuftee kan haangoon si tumsu?
Miidhamuun ollaa kee warra cinaatti hafee
Kan sitti hin mul’atiin abjuunillee dhufee
Barana maal yaaddeetu battala sii ifee?
Karoora kee kanaaf waan hin qabneef ragaa
Shakkiisaa ibsachuuf ba’ee hiriira nagaa
Saba si gaafatu kaasee gaaffii mirgaa
Qabda taanaan keenni atis deebii dhugaa
Hidhaafii ajjeechaan hawaasa hin deebisu
Ammaaf ukkaamsitus boru si hin teessisu
Qabda taanaan kenni deebii nama quubsu
Namnille hin jibbu kan kee babal’achuu
Gochaa kee duraatu qaba madaa kichuu
Kanaaf bar dadhabe namni si abdachuu
Dhugum saba Oromoo guddisuuf yoo yaadde
Saba kalee miiteef yoo garaan kee gadde
Haqaa hin awwaaliin dubbadhu waan yaadde
Ta’ee malee ulaagaan siin walitti hidhamuu
Magaalota ollaatiif gargaarsi hin godhamuu?
Faayidaa addaa qaba Oromoon Finfinneeraa
Guyyaa dhuma lafaa itti dheensuuf du’araa
Jedhee Oromoon hundi osoon siin of jajuu
Jalaa gochaa jirta hawwiisaanii abjuu
Faayidaa addaa ta’e Oromoon maal sirraa argate
Yoom siin kabajame, yoomis siin ulfaate
Daran bakka dhabee sirratti salphate
Oromootaa hedduuf taatee mana hidhaa
Orma of ijaarsiftee sirraa dhuga dhadhaa
Afaan saba biraa sirratti dagaagaa
Keenya aadaan badee sirratti cooligaa
Akkamitti amannee sitti of laanna egaa?
Nu guddisuuf atuu waan goote hin agarre
Kanaaf lafa keenyaa sii hin kenninu murree
Siin jechaa waan jirruuf ifatti dubbachaa
Sitti haa hafuu dhiisii atis karooricha
Diddu orma miti suma rakkoo galcha
Ni dhaabata hin se’iin gaaffiin jalqabame
Lubbuun barattoottaa kan itti ajjeefame
Ati hin dhiiftu taanaan karoora amma jettu
Waamicha fakkeessuun saamichaa isa kaattu
Bal’achuun kee hafee akka ati hawwitu
Teessoo ammaa qabdurra nagaan hin jiraattu
(Gasharee Abdiisaa, Caamsaa 2014)