Hawwaasa Oromoo fi Miseensota ABO hundaaf
Akkuma beekkamuu ABO bikka lamatti citee ture Sadasaa bara 2012 tti dhibdee turte araaran xumurachuun akkataa garaa Jarmaa tokko jalaatti walitti deeb’uu walhubannoo taheen labsamuun ni yaadatama. Amma kun xumuramee walgahiin jila hoogganootaa dhaabni kun Caasaa fi Hooggana takka jalatti deebi’uu laabsu Berlinti tahuuf deema. Kanumaan walqabsiisee haala yeroo ammaa biyya keenya keessa deemaa jiru fi fuuldura Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Hawaasa Oromoo, Deggaraa fi Miseensootaa waliin marihachuuf jecha aduu 28.06.2014 sa’a 14:00 tti walgahiin saganteeffamee jira. Walgahii kanarratti argamuun yaada keessan akka gumaachitan kabjaan isin affeerra.
Guyyaa: 28.06.2014; Sa´aa: 14:00
Bakka Walgahii:
SPD Haus
Kurt-Schumacher-Haus
Müller Straße 163
13353 Berlin
Akka itti dhuftan: U & S- Bahn Wedding, Bus 120
Galgala Aadaa Oromoo:
Wallisaa beekkamaa Hailu Kitaba waliin dabarsina!
Guyyaa: 28.06.2014; Sa’aa: 19:00 irra kaasee
Bakka Galgala Aadaa:
Glasskasten Prinzenallee 33, 13359 Berlin
U-Bahn U8 Pankstraße, Metrotram 13, Tram 50 bis Osloer Straße/Ecke Prinzenallee Metrobus 27, Bus 255 bis Prinzenallee/ Ecke Soldiner Straße
Koree Qindeesituu Konferensii Tokkoomuu
Adda Bilsummaa Oromoo