Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Yaadannoon Guyyaa Gootota Oromoo fi Hiriirrii Hawaasa Oromo Caamsa 1, bara 2013 Milkiin Xumurame

$
0
0

Gadaa.com

Miseensonnii AB konyaa Sweden fi hawaasii Oromoo magalaa Stocholm-Sweden jiratan woliin gaafa Ebla 30/2013 yaadanno guyyaa gootota Oromoo sababeeffatuun haala bareeddan kabajanii jiru. Dura tahan(DT) ABO konyaa Sweden J/ Galanaa Yaadata miseensa fi deeggeertoota yaadannoo kana irratti argamanin baggaa nagaan dhuftan jechuun ergaa simmanaa godhanni booda hirmatooti kana irratti argamaan akka oli kahun daqiqaa 2 fi yaadanoo sammuu gotoota qabsoo keenyaf jechaa wareeggamanif akka godhamuu gaaffatan. Itti ansuun maliif guyyaan gootota Ebla 15 akka yaadatamu kan ibsaa kennan Prof. Mekuria Bulchaa turan.

Prof. Mekuria Bulchas ibsa keennan keessatti sababa guyya gootota itti yaadatamufi seenaa diddaa gabrummaa Oromoo waliin akka walqabatu heeruun, seenaa kana keessatti Oromoon Yeju, Raayya diinaa irratti qabsoo gochuun warreeggama gudda akka baasan yaadachisan. Kana malees Oromoon baara Menlikii eegaluun warreeggama cimmaa akka baasaa tures ibsa godhame keessatti yaadachisan. Ebli 15 guyya gootota Oromo jedhamee bara baraan kaka kabajamuu kan murtaahe bara 1983 murtee Kora ABOn akka tahes ibsan. Akka ibsa kanatti, jill hoggannoti ABO bara 1980 HD fi I/A HD daabalate hojjaa qaboso saba Oromoof oso biyya ambaa adeemaa jirani shiftoota Somaaleen gammojji Ogaden keessattii bakka takkatii akka sababa wareegamaniif akka tahe ibsaan. Kana irratti hunda’un guyyan kun Oromoon gootota issaa hunda bilisummaa sabafi jeechaa karaa hundaan arsaa tahan akka yaadatu tahe kora saba ABOni murta’e jedhanii. Akkasumas goototi kun kan itti yaadataman keessa, lubbu ofi olfachuuf jechaa oso amaanti fi kutaan waal hin qoodiin Oromuumaan boonaa waliin akka wareeggaman ibsame jira.

Hirmatooti walgahii irratti argamanis yeroo guyyaa gootota waal yaadachifnu kaayyoo issaan irratti warreeggaman dagatuu akka hin qabne fi fixaan baasuuf akka waadaa haroomfannu waal yaadachi saniru. Akkamiin kaayyoo goototi itti warreegamnis fixaan baaffna kan jedhuu irratatis Oromoon issaa dur irraa haala ammaa tana keessa jiru hubate tokkumaan ofi ijaare qabsoo issaa cimssuu akka qabu jala sararamee jira.

Guyyaa gootota Oromoo yeroo yaadatamu, kaayyoo qabsoo itti fufuun barbaachisa waan tahefi ilmaan Oromoo dirqamaa issaa akka rawwatus dhammsa dabarsaniru. Galiin qophii kana irraa argamees Radioo Sagalee Bilisummaa Oromo, SBOf akka galu tahee jira. SBO baatii waxabajii 2013 dhufuu kana waggaa 25 fa sirna ho’aa fi nama boonsuun akka kabajatuu baramee jira.

Caamsaan 1, 2013 hiriira hawaasa Oromo guyyaa yaadanno hojjata adduunyaa irratii
Akkumma aadaa yeroo dheera turetti Miseensi fi hawaasi Oromoo Stockholm fi naannoo ishee jiratan Caamsaa 1/ 2013 guyyaa yaadannoo hojjatoota adduunyaa sabeeffachun hiriira bahun sirnaa cunqursaa mootummaa Itiophiyaa balaalleeffatuun haala bareeddaa fi milkiin xumuurame. Akkumma aadaa turetti hiriira kana dhaaba siyaasa issaa guddicha “Social Demokrat Arbetar Party” jeehamu keessatti qindeefachun ture.

ABO konyaan Sweden hawaasa Ogaden naannoo Stockolm jiraatan walin marihatuun akkumma yeroo dabre hiriirrii kun akka barreeddu fi milkaa’uu taasiffame jira. Oso hiriiri kun hin eeggaliin lammiiwwan Sweden hiriira kana irratti qooda fudhachufi dhufan, barreeddinna alaaba ABO qalbii issanni waan simtamateefi gaaffi heddu gaaffacha turan. Miseensi fi deeggeertooti keenya haala kana dhimmaa itti bahuun cunqursaa ummata Oromo namootaaf kanaaf ibsa turan.

Yeroo hiriiri bakka Humle Gården jeedhamu kahee hanga Norra Ban Torget jedhamu gahutti dhadannoo” Fre Free Oromiyaa!, Free Free Ogadeniya!, Stop supporting The Wayyannee regime! Dowon with the waayyane dictator regime! Dowon with the fascist regime of Wayyanne“ kan jedhuu fi kan biron ho’inaan dhagahamaa ture. Kan nama ajaaibaa ture tokko daa’imi/ shamaraan / xiqqaan Ogadeen ummuriin ishe wagga 7, tahuu tokkoo sagalee guddaan Megafon qabatee yeroo deeraaf dhadataa ademma turuu isheeti. Tattafiin Oromoota fi warri Ogaden caamsa 1 irratti godhan kan milka’ee tahu issaa kan mirkaneesu keessa alaaban Oromoo fi Ogadeen, National television biyya Swden irratti Ala hedduu odeefanno ykn news woliin agarssiifamaa ture. Kun injifannoo laayyoo hintaane, hujji diplomacy irraatii milkaahuu keenya agarsiisa.

IUOF

ABO Kutaa Skandinaviaa, Konyaa Sweden
Caamsaa bara 2013

Gadaa.com

Gadaa.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Trending Articles