Ifiinin haasawaa ifittin hasaasaa Kophaa koo guungumeen kuta yaada keessa Hiriyyoota keessaa kophatti na baasaa Guyyaa na ceesisaa kophaa na kaachisaa Narratti wal geeysee halkan yoomin ciisaa Ifiinin haasawaa ifittin hasaasa. Takka hin gammadu narratti wal geeysee Koflee hin beeku zaliilii na buusee Akka namaan jiru qaama na haphisee Maluman wallaale yaanni narra marsee. Barbaadeen dhabe malaa fi furmaata […]
↧