Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Walaloo (Gamteessaa Sabaa irraa)

$
0
0

Bilisa Baafna Lammii

Bilisa baafna lammii
Alagaan nutti kaate falmii
Alagaan nyaaphaa falmitullee
Gantumaaf maaf hin gallee?
Gantuus amma galaa jiraa
Alagaan ari’ee ofirraa
Maali barri gidiraa
Kamtu nyaaphaa kamtu fira?
Barumatu nu faansee
Alagaaf dabarsee
Teessorratti hambisee
Sabboontota mankaraarsee.
Guuree gantoota gurmeessee
Maqaadhaaf sabatti dhiyeessee.
Oduu dhiisaa kun kijibaa
Gantuun hin falmitu sabaa.
Saba koo falmadhu hardhallee
Gabrummaan waan siin hin mallee.
Fifincilaa saba ol kakaasaa
Gabrummaa hiddumaan buqqisaa
Bilisummaa sabatti uwwisaa!

GAMTEESSAA SABAA (A.T.) Irraa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Latest Images

Trending Articles



Latest Images