Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Seenaa Obbo Kaasaa Taddasaa

$
0
0
Gadaa.com
Obbo Kaasaa Taddasaa
Waxabajjii 1955-Caamssaa 2013

Tolchaa Wagii Irraa*

Obbo Kaasaa Taddasaa abbaa isanii B/ Jeneral Taddasaa Birruu fi haadha isanii Addee Waarqiababaa G/Madiin irraa Waxabajjii 19, 1955, magalaa Finfinnee keessaatti dhalatan. Obbo Kaasaan barnoota isanii Finfinnee keessaatti barachaa eerga turaniin booda, sadarkaa Lammaffaa mana barnoota “Adiventisti Mishiin Aqaqqii Basaqaa” tti Xumuraniiru.

Obbo Kaasaan abbaan isanii Jeneral Taddasaa Birruu Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf rakkon yeroo isaan mudatu, Sabbontoonni Oromoo Ijollee gooticha kanaa rakkoon akka isaan hinqunaminne kara adda addatiin irraatti hojataniiru.

Bara 1972 obbo Kaasaan gargaarsa Jalle, Baroo Tumsatiin Barnoota sadarkaa olaanaa (Scholarship) akka argaatan ta’ee gara biyya Amerikaatti dhufudhaan bara 1973-1980 Alabama State University(tti) barachudhan barnoota siyaasaa (Political Science)n Degree isa Calqabaa argataniiru.

Obbo Kaasaan nama Laammii fi Oromummaa isaanii jalataniidha.

Obbo Kaasaa Taddasaa dhibamanii mana yalaa seenudhaan yalamaa osoo jiranii Ebla (April) 7, 2013 dhalatanii waggaa 58tti adunyaa kana irraa darbaniiru. Obbo Kaasaan abbaa ijollee 4 (dubara 2 fi dhiira 2)tti.

Kaasaan Jeneral Taddasaa Birruuf ilma isanni isa 5ffati. Obbo Kaasaa Taddasaa guyyaa kalleessaa Ebla 13, 2013 bakka firoonni fi maatiin isaanii argamanitti awwalamaniiru.

Lubbuu isaani rabbi bakka garii haaka’u!

Ijollee fi maatii isaani hundaaf rabbi jabiina haakeennuuf!

* Tolchaa Wagii: http://gadaa.com/oduu/category/authors/tolchaa-wagii/


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Trending Articles