Guyyaan Goototaa Jimaata Ebla 26, 2013 magaala guddoo Ameriika, Washington DCtti sirna ho’aan kabajamee ooleera. Guyyaa kanatti keessummaa kabajaa ta’ani kan dhufan New York irraa J/ Ibsaa Ahmed, Mootummoota Wal-ta’aniitti bakka bu’aa ABO, J/Lubee Birruu, Dura ta’aa Gumii fi miseensi koree ULFO akkasumas J/Abarraa Tafarra, Itti gaafatamaa ULFO Ameerikaa Kaabaa yoo ta’an, Keessummooti kabajaa kunneen wal-duraa duubaan hasawaa godhaniin barbaachisummaa kabaja guyyaa Gootota Oromoof kaayyoo BILISUMMAA, seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, bu’aa-bahii QBO keessa lufe, injifannoolee argamaniif akkasumas guyyuma kana illee kabajatuuf kan nu dandeeysise haarsaalee qaqqaalii goototi Oromoo heedduun kafalan irratti ibsaa bal’aa fi gahaa ta’e kennuu irrayyuu mooyixannoo qabsoo isaaniis dhaloota haaraatiif hiraniiru.
Dhaamsa isaanii keeysatti, J/Ibsaa Ahmed guyyaan Goototaa waggaa 30ffaaf kabajamaa akka jiruu fi guyyaan kun gootota Oromoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaf jecha lubbuu isaanii qaalii kitimaa godhan mara kan ilaaluu fi gootota barattoota Oromoo bilisumma fi haqa lammii isaaniif jeycha Fincila Diddaa Gabrumaa geeggeysaa turan, ammas itti jiraniif kanumaan wal-qabatee haarsaa lubbuu, dhiigaa fi jireenyaa baasan, gootota Oromoo gaaffii haqaa lammii isaanii gaafatanii mana hidhaa abbaa hirree Wayyaanee keeyasatti gubachaa turanii fi jiran walumaa galatti guyyaan kun Oromoota kutannoodhaan jiruu, jirenyaa fi lubbuu isaanii dhugaa uummata isaanii dursisudhaa haarsaalee qaqqaalii adda-addaa kaffalan mara yaadachuudhaaf kan kabajamu ta’uu isaa heerudhan barbaachisummaa isaa jabeessanii ibsanii jiru.
Itti aansuudhan, J/Lubee Birruu ibsa godhaniin waggoota muraasaaf qabsaa’onni Oromoo addan qoqqoodamanii turan yeroo ammaan tana hariiron jidduu jirtu haalan fooyya’ee guyyaa kanatti yeroo calqabaatiif keessumaa kabajaa ta’anii dhiyaachuudhan guyyaa gootota keenyaa kabajuuf danda’uu isanif gammachuu qaban ibsanii, seenaa qabsoo Oromoo keeysatti haarsaaleen kaffalamaa turanii fi ammas kaffalamaa jiru gaaffii abbaa biyyummaa fi gaaffii haqaa Oromoon kaasee itti kitimaa baasaa jiru caalaatti kan funduratti furguggisu maleee kan boodatti hin deebisne ta’uu isaa jala muranii dhogoomsanii jiru.
J/Abarraa Tafarras gama isaaniin seenaa qabsoo Oromoo gabaabatti tuqanii keeysattu haala qabsoon Oromoo yeroo ammaa keeysa jirtuu fi yaalii yeroo dheeraa mooraa qabsoo Oromoo gara tokkotti deebisuuf taasifamaa turee fi injifannoon mooraa qabsaa’ota Oromoo tokkoomsuu irratti argame kan nama boonsu ta’uu isaa ibsanii, gaaffiin Oromoo yeroo ammaan tana qulqullooftee akka gaaffii haqaa fi abbaa biyyumaa deebii argachuu qabduutti ifatti addunyaaf dhiyaattee waan teesseef gaaffii Oromoo ilaalchisee hafaan faajjeysuun yeroo ammaa qaamota tokko tokkoo irraa mul’ataa jiru gaaffi fi qabsoo haqaa Oromoo boodatti akka deebisuu hin dandeenye hubachiisaniru.
Guyyuma kana galgala J/Abbaa Caalaa Lataa, Itti gaafatamaan Siyaasaa fi Jaarmiyaa ABO, waajjira muummee ABO irraa gama toora quunnamtii Interneetaan hasawa godhaanin Qabsoon Oromoo yeroo ammaan kana haala amansiisaa fi murteessaa irra gahuu ishee tuqanii, gaaffiin uummata Oromoo sadarka kana irra akka gahuuf haarsaa goototni Oromoo kallattii maraan kaffalaa turanii har’as itti jiran, akkasumas goototi abbootiin teenna baroota dheeraaf bilisummaa uummata isaaniif jeycha diina kuffisanii kufaa turani hundi guyyuma har’aa kabajnu keeysatti akka yaadataman hubachiisanii, karaa nuti qabannne hagam dheeratullee, haarsaan kaffallu hagam hadhoytulle gaaffii fi kaayyoon goototi keenya kumaatamni itti wareegaman kan mirga abbaa biyyummaa waan ta’eef haga kaayyoon bikka gayutti mudhii teenya kan hin hiikkanne ta’uu isaa jala muranii jiru. Kanumaan wal qabsiisuudhaan hirmaattonni guyyaa goototaa kanaa gaaffilee belbeltu fi olola sobaa qabsaa’otaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti dabree dabree hafarsamu ilaalchisee isaaniif dhiyaateef J/Abbaa Caalaa deebii qubsaa fi ifa ta’e kennanii jiru. Deebii isanii keysatti umrii dargaggummaa fi jireenya isaanii harka caalu gaaffii uummata isaanii fi kaayyoo ganamaa kan QBO irratti hundoofte bakkaan gayuuf dhma’aa akka turan, isaafis haarsaalee heedduu akka kaffaln ibsani kaayoo ganama bahaniif hanga xumuraan gahanitti ololaa fi afaan fajjeysuun beekaas ta’e osoo hin beekin qabsaa’otaa fi qabsoo Oromoo irratti bal’inaan geggeeffamu qabsoo hadhoyftuu amma keeysa jiran laafisuu irra kan caalatti isaan jabeessu ta’uu isaa mirkaneessanii jiru.
Guyyaa kanatti Artistoonni Oromoo beekamoo Geetuu Lammii fi Daawwitee Mokonnon argamanii sirboota qabsoo fi ammayyaatiin Oromoota guyyaa goototaa kabajachuuf bakka sanatti argaman bohaarsaa fi hamlee kakaasaa haga halkan keeysaa sa’aa 1:30 turanii jiru.
Kabaja guyyaa gootota Oromoo kanatti jiraattoti lammii Oromoo ta’an magaalaa Washington DC, Maryland fi Virginia jiraatanis heduminaan bahuudhaan kabaja gootota isaaniif qaban mul’saniiru.