Mirga ummatootaa kabajuu dhabuu irraa Mootummaan waraanaa Itophiyaa tan waggaa 24 duraa angoo irraa qaarsifame. Mootummaan waraanaa sun kan itti jabduu biyya humnaan ijaaramte waraanaan tursuu ture. Impaayerummaa isii golguu fi biyya badhadhinaa tahuu agarsiisuuf waaroo soshaalummaa kijibaan haguuge. Ilaalcha/ideology/ raggaafate kanaanis tokkummaa impaayera Itophiyaa waraanaan tiksuuf waadaa ofii seeneen lola labsee waggoota dheeraaf lolee […]
↧