Quantcast
Channel: Gadaa.com Oduu – News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Muu Yaa Namaa!

$
0
0

Harka facaasaa deema bitaa mirga lagate
Takkiin ni odeessa afaan saaqqatee
Qofaa gunguma harka darbatee
Qalbii dhabee moo maal rakkatee
Wayyoo saamameetii qarshii gate
Ilmoon namaa qofaa hin haasa’u kun waa rakkate

Sanas miti kan isa mudate
Maaloo maal ta’aa yoo himatee
Dirree irra odeessaa deemaa hoo maal dhoksatee
Nama jibbee qilleensa amanate
Imaanaa lubbuu isaas isheetti kennate
Namni kun maaliif nama baqatee?
Ofiis bineensa mitii nama irraa dhalate

Jedheen taajjabe guyyaa kaleessaa
Anis adda hin jiru isaanuma keessa
Najalaa balleessanii guyyaa koo ba’eessa
Maraatudha jedhu harkaan facaasa
Qabeenya koon waamaa as deebisaa
Gaafa naaf gamu imimmaan facaasa
Murtiin lafa irraa dhabe waaqatti dabarsaa

Yaa waaqi na dhageessaa
Iyya koo fi imimmaan koo eessuma keessaa
Nama jibbeera naaf kenni bineensa
Warri qofaa dubbatu kanuma yaadnisaa
Itti tolee mitii yaadaa dhibeesaa
Muu namaa kanaaf qophaa ciisaa
Haasummaa jibbee ofiin of haasofsiisaa
Gadi baasee boqochuuf gubata garaa isaa
Muu namaa sirra wayya bineensa

Bineensa beeka jibbaa fi jaalala isaa
Yoo aaree dheekamsaan mul’isaa
Namni garuu ni callisaa
Gaarii fakkaachuun summii sirreessa
Akkasitti lubbuu koo ajeesa
Du’aa koon waallale guyyaa isaa
Waaqa miti namatu murteessa
Guyyaa koo malee isatu na ajeesa
Muu namaa sirra wayya bineensa

Baay’eetu jira kanaan kan rakkatu
Qofaa gubata dhabee kan itti himatu
Mirga isaati dhiisaa haa dubbatu
Erga jibbee namas haa lagatu
Uumamaa waliin haa jiraatu
Buddeen kee dhiisee baalas haa nyaatu
Maal si galche karaa kee hin deemtuu
Bultoo isaa seentee hamma gadi yaatu
Milkaa’in biyyoon si haa nyaatu
Muu namaa sirra wayya bineensatu!

Sabaabaru Moonaa (OromiyaaBiyyaaKoo@gmail.com)
Finfinnee, Oromiyaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 3148

Trending Articles