Malkaa Caffee irraa*
Gufuu Maaf Komatu?
Buqqisanii maqsuuf harka osoo qabanii,
Arganii irraa maquuf ija osoo qabanii,
Gufuu maaf komatu ofumaaf dhiitanii?
Rakkina miilla ofii qorachuu dhiisanii.
Takkaa ishuma maqsuu, yookaa irrumaa maquu,
Gufuu karaa keessaa maal komee ishee dhaqu ?
* Malkaa Caffee: Malkaacaffee@gmail.com