(Madda Oduu ABO, Melbourne, 12 Fulbaana 2013) Korri Konyaa ABO Adelaide yeroo duraaf Australia kibbaa magaalaa Adelaide keessatti guyyaa lamaaf gaggeeffame milkiin xumurame; kora hawaasaa kana irratti hawaasti Oromoo Australia Kibbaa WBOf gargaarsa maallaqaa gumaachanii jiru.
Maddi Oduu ABO Adelaide irraa akka gabaasetti, Korri Konyaa ABO Adelaide fi Korri Hawaasa Oromoo Konyaa Adelaide kan marraa duraatiif qophaawee guyyaa lamaaf, Fulbaana 7 fi 8, 2013 gaggeeffame irratti haala qabsoon bilisummaa fi warraaqsa Oromoo ilaalchisuunis mariin bal’aa godhamee jira.
Kora Fulbaana 6, 2013 galgala sirna ho’aan baname kana irratti miseensi Gumii Sabaa fi BBA ABO J/ Gaashuu Lammeessaa, miseensonni koree hojii Qindeessituu ABO kutaa Australia fi miseensonni ABO konyaa Victoria irratti argamanuun korrichi kan jaalalli miseensotaa fi qabsoo, kutannoo fi of-kenniinsi jaallummaa dhugaa irraa calaqqise ta’uu mul’isanii jiru.
Sirna baniinsa kana irratti jaallan qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegamaniif yaadannoo yaadaa fi qalbii kana godhame yoo ta’u, qabsoon bilisummaa Oromoo bu’aa bahii olaanaa keessa qaxxaamuree sadarkaa ammaa irra gahe dhaqqabuun isaa yaadachiisamee jira.
Baniinsa kora Konyaa ABO Adelaide kana irratti J/ Toofiq Umar dureen damee Jaarmiyaa ABO konyaa Adlaide, “baga nagaan dhuftan!” erga jedhanii booda sirni miseensota konyaalee lamaanii wal barsiisuu gaggeeffamee jira.
Itti aansuunis J/ Ahimad Abdurahaman Dura Taa’aan konyaa Adelaide sagantaalee fuula duraa gaggeeffachuun dura korrichi sirnaan akka banamu ibsuun J/ Gaashuu Lameessaa MGS fi BBA ABO qophii ta’ee fi afuura jaallummaa jiru dinqisiifachuun korri sun sirnaan banamuu isaa mirkaneessani.
Itti aansuunis, miseensota haaraa lama bornoota dirqama dhaabaa fi ulaagaa miseensummaa isaan guuchise baratanii xumuratan akka hirbuu seenan ta’e waraqaan ragaa kennameefii jiraa.
Kora kana kan adda godhu yoo jiraate galgala irbaataa sirna baniinsaa kana miseensota ABO konyaa kanaa wajjin wal ta’uun hawaasti naannoo kana jiraatu irratti gammachuun hirmaannaa isaanii agarsiisuun kora kana adda godhee jira.
Ittaansuunis, dureen damee jaarmayaa Konyaa ABO Adelaide, J/Toofiq Umar, qabsoon bilisummaa Oromoo dhiiga gootota kumaatamaan akk biqile jiru yaadachiisanii, haga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa gahuttis wareega qaqqaalii gaafatuun isaa waan hin oolleef miseensotii fi deeggartooti qabsoon bilisummaa Oromoo of kenniinsaa akka hojjatan dhaamanii jiru.
Jaallan sirna baniinsaa kana irratti argamanis sagalee fi afuura jaallummaan haala adeemsa qabsoo fi adeemsa hojii walhubachiisuun, sagantaa kora Konyaa ABO Adelaide guyyaa lamaaf taa’amuuf dursanii haala mijjeesanii jiru.
Bakki qophii kanaa alaabaa dhiigni qabsaawotaa hedduun itti wareegame, kan halluun irraa fi jalaan diimaa, gidduun immoo magariisaan kan faayame yoo ta’u, sagantaa adda addaa kan of keessatti hammate sirni simannaa keessummoota kora kun milkiin xumurameera.
Haluma kanaan korri karoorfame, Kora Konyaa ABO Adelaide, Fulbaana 7, 2013 ganama sirna hoo’aan, yaadannoo gootatota wareegamniif godhamee fi faaruu alaabaa Oromoon faarsuun eegalame.
Kan malees, Dura Taa’aan Konyaa ABO Victoria, J/Bantii Oliiqaa, dhaamsa deggersaa dabarsan keessatti, “adeemsi qabsoo Bilisummaa hadhooftuu fi dheeraa waan taateef diina keenya irra akka aannuu fi injifannoon keessa baanee bakka galii keenyaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa arguuf jabaannee wal-ta’uun harka walqabannee qabsoo keenya yaa finiinsinu!” jechuun milkaa’ina korichaaf hawwii qaban maqaa miseensota ABO konyaatiin dabarsaniiru.
Ittaansuun gabaasti waggaa darbee dhiyaate keessatti konyaan ABO Adelaide waggaa walakkaa darbe keessatti hojiin raawwatee fi mudaan mul’ate dhiyaatee jira.
Gabaasa hojii milkii hojii konyaa Adelaide agarsiisuu fi mudaa hojii mul’tan sirreessuuf tattaaffii godhame hubachiisu kana irrattis marii fi gamaaggamni bal’aan i taasifamuun gabaasichi sagalee guutuun ragga’ee jira.
Sana booda sirna filannoo miseesnota koree hojii raawwachiiftuu Konyaa hir’atan guutuu fi duree to’annoo herregaa fi hojii dhaabaa gaggeessu filuun erga raawwatee booda miseesnoti haarawaa filaman akak duudhaa fi srina dhaabaatti waadaa isaanii seenuun dirqama isaanii akka bahan mirkaneessanii jiru.
MGS fi BBA ABO, J/Gaashuu Lammeessaa, haala adeemsa QBO, sochiilee dhaabaa biyya keessaa fi alaa, haala jaarmiyaalee hawaasaa fi firoottan qabsoo Oromoo, haala diinaa fi farreen QBO bal’inaan ibsanii jiru.
Ibsa godhame keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo karaa hundaan maseensuu fi gufachiisuuf duulli olaanaa gaggeeffamaa ture jabinaa fi murannoo qabsoo’otaan fashaluu isaa ibsanii, “ABOn akkuma kanaan duraatti kaayyoo qabsoon Bilisummaa Oromoo milkeessuuf karaa hundaan hidhatee hojiitti jira,” jechuun haala ABOn keessatti argamu addeessanii jriu.
“Keessayyuu, yeroo diinni haaraa fi moofaan walitti hidhatee ABO balleessuu fi injifannoo qaxxaamuraan butachuuf foolachaa jiru kana keessatti ummati keenya, deeggarooti keenyaa fi miseensoti keenya kaayyooo ABO, sagantaa siyaasaa fi seeraa fi heera ABO Kora Sabaan tumamee jiru milkeessuuf cichoominaan hojjjachuu qabu,” kan jedhan J/Gaashuun, “amma illee kan nurraa hin dhaabbanne, olola diiggaa fi shira diinotaa mseensuu keessatti gaheen ummata keenyaa olaanaa dha,” jedhanii jiru.
“ABOn ummata keenya dammaqsee akka Bilisummaa isaaf qabsaa’u gochuu malee, bilisummaa manatti namaaf fiduuf hin qabsaa’u,” kan jedhan J/Gaashuun, “ummati keenya mirgoota haga ammaatti goonfate tifkachaa, gantootaa fi ayyaanlaallattota yeroo keessa waaroo salphinaa uffatanii biyya mana hidhaa sabootaa taate, Itoophiyaa dullattii, haaromsuuf foolatan” akka ofirraa deebisu dhaamanii jiru.
Kanaan duras abbootiin Oromoo diinaaf jilbeeffatanii akk hin beekne kan yaadachiisan J/Gaashuun, “ummati seenaa boonsaa galmee seenaa keessaa qabu kun yeroo abbaa argeen dhaanamu ilaaluun dhaloota keenyaaf saalfachiisaa dha; gootummaan abbootii keenyaa humna weerartuu biyya keenya irratti abbaa nutti ta’aa jirtu ofirraa kaasuudhaan haaromuu qaba,” jechuun dhaamsa dabarsanii jiru.
Haala qabsoon Oromoo irratti ibsa godhameen boodas gaaffilee mana keessaa ka’aniif deebiin kennamee jira. Keessayyuu, Kaayyoo Oromoo tiksuu fi milkeessuu irratti sochiin karaa ABO godhamaa jiru amma illee kana hin daddaaqamne ta’uun marii kana irratti ibsamee jira.
Xumura irrattis hirmaatoti Kora Konyaa ABO Adelaide ibsa ejjennoo baafatan keessatti kutannoo fi murannoo qabsoon Oromoo milkeessuuf qaban irra deebi’anii mirkaneessuun, umurii sirna wayyaanee dararaa fi dhumaatiin adeemaa jiru gabaabsuuf waan danda’an maraan akka hojjatan waadaa isaanii haaromsanii jiru.
Ibsa ijjannoo miseensota ABO Konyaa Adelaide:
Nuti Miseensonni ABO konyaa Adelaide kora miseensota guyyaa Fuulbana 7, 2013 gageefanee ibsa ijannoo armaan gadi baafachuun kora keenya milkiin xumurannee jira.
1. Hojii dhaabaa keessattuu, hojii jaarmayaa jabeessuu, diinagdee guddisuu, hojii diplomaasii fi jaarmaya hawaasaa jajjabeessurratti ciminaan ni hojjana.
2. Jaarmayaa keenya daran jabeessuuf of qusannoo tokko malee ni qabsoofna.
3. Tokkummaa hawaasa keenyaa ni tiksina; ni jabeessina; warreen farra qabsoo keenyaa ta’uun nu dadhabsiisuu ykn nu dagachiisuu yaalan duras ni dhaabbanna.
4. Tarkaanfii WBOn keenya fudhachaa jiru dinqisiifachaa, WBO jabeessuuf daran ciminaan ni-hojjana.
5. Falmaa ummannii keenya biyya keessaa gochaa jiruu fi keessattuu sochii qeeyroon gaggeefamaa jiruu waan dandeenyuu hundaan ni dhaabbanna.
6. Sochii afaanfaajjii gareelee addaddaan ummata keenyarratti agaammatee gageeffamaa jiru karaa hundaan dura ni dhaabbanna; hawaasti keenyas farreen qabsoon bilisummaa Oromoo sirriitti hubatee akka dura dhaababtuuf ni hubachiisna.
7. Ajjeechaa mana hidhaa Qaallittii keessatti, Oromiyaa Kibba- Bahaa Kofalee keessatti, Oromiyaa Bahaa, Anniyyaa keessatti ummta keenya irra gahe haalaan ni balaalleffanna; umurii sirna ajjeechaa fi dhumaatii akkasiin adeemu, bara bittaa wayyaanee gabaabsuufis karaa hundaan jabaannee ni hojjanna.
Haaluma walfakkaatuun, Fulbaana 8, 2013 Korri Hawaasaa kan gaggeeffame yeroo ta’u, kora kana irratti haala yeroo ammaa qabsoon Oromoo keessatti argamu irratti ibsi balaan kennamee jira.
Dura Taa’aan Kutaa ABO Australia, J/Omar Osman fi MGS fi BBA ABO J/Gaashuu Lammeessaa wal duraa duubaan ibsa kennan keessatti ABOn kaayyoo Oromoo milkeessuuf waan danda’e hundaan hojjachaa akka jiru ibsuun, “qabsoon Oromoo akka galma gahuuf hawaasti keenya tokkummaa isaa jabeeffatee kutannoon qabsoo isaa finiinsuun cinattis falmaa guddaa isa eeggatuuf illee of qopheessuu qaban,” jechuun dhaamsa dabarsanii jiru.
Gaaffileen hawaasa keessaa ka’an quubsaatti deebii kennamuu fi ibsaa fi deebiilee kennamanitti hawaasti itti gammaduu isaaf yaada isaa ibsateera.
Kana malees, vidiyoo leenjii fi eebba WBO bara kanaa kan dhiyaate yeroo ta’u, hawaasichis san booda QBO fi WBOf kan oolu tinnisa battalaa gochuun gumaacha maallaqaa kan deeggarsa isaa mul’isu godhee jira.
Suuraa gooticha, Injinar Tasfaahun Camadaa, kan dhiyeenya kana harka diinaatti mana hidhaa keessatti galaafatame, kan ofirraa qabu, T-shartiin yaadannoof qophaa’e sagantaa kana irratti kan gurgurame yoo ta’u, kanneen yeroo addaddaa maallaqa guddaa baasuun caal-baasii mo’atanii warraaqsa Oromoof gumaata godhaniif waraqaan galataa fi ragaa kennameefii jira.
Xumara irrattis, artistoota Oromoo naannoo Australia keessa jiraatan keessaa kanneen akka wallisaa beekaamaa fi hangafticha Afandii Siyyoo, Tasfaayee Dhimmaa fi Shaafii fa’aa sirboota aadaa fi wallee warraaqsaatiin hawaasicha bohaarsaanii jiru.