Qophiin Ayyaana kanaa Magaalaa Atlanta, GA fi naannoo ishee xumuramee jira. Akka kanaan:-
Sirni Gubaa: Fulbaana / September 27, 2013
- Sa’aan – 6:00 galgala.
- Bakki – 1685 Edinburgh Drive, Tucker, GA 30084
Sirni Daraa Qabannaa: Fulbaana / September 28, 2013
- Sa’aan – 9:00 ganama
- Bakki – 1685 Edinburgh Drive, Tucker, GA 30084
Sirni Irreessa Malkaa: Fulbaana / September 28, 2013
- Sa’aan – 2:00 Waaree booda
- Bakki – 720 Hambrick Road, Stone Mountain, GA 30083
Ummannii fi firoottan OROMOO GEORGIA fi naannoo ishee amma danda’ametti uffannaa aadaa OROMOOtin gonfamtanii kabajaa Ayyaana kanaarraa akka qooda fudhattan hubachiisaa, akkuma barame daa’imman kuula miidhagina sirna kanaa waan ta’aniif maaloo dhiiftanii hin dhufinaa!
Hibsa dabalataaf lakkoofsa
404 552 4307 ykn 404 580 4253 Gargaaramaa.
Koree Qindeesituu
Hubachiisa
Irreessi Malkaa Sa’aa 2 waaree boodaa galama qophaa’e irraa gara malkaa Stone Mountainiti dhaquun kan raawwatu ta’a. Sa’aa kabajuun OROMOOf aadaadha.