Y.G(2005)
Siyaasa Itoophiyaa bara 1991 kaasee gaggeeffaamaa jiru keessatti, carraalee nu fayyaaduu danda’an hedduu nu miliqanii jiran. Hojiilee itti fufiinsaan irratti hojjatamuu qabanii fi, wayyaanee angoo irraa qaariisuuf nu gargaaran hedduu nu mudatanii turan.carraaleen kun ofii isaanii kan umaman odoo hin taane, qaamootuma sochiilee qabsoon kan umaman turan. Carraaleen kun akkamiin nu dabranii fi maaliif itti fayyaadamu dadhabne? isa jedhuuf sababaa hedduu tarrisuutu danda’ama. Yoo danqaalee kanneen tarrisuuf ragaa hedduu qabaannu illee, waan yeroo san nu mudateef hubannoo gaariin waan jiruuf, irra deebi’uun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Garuu waan gara fuula duraatti nu mudachu malaniif bu’ura taasifachuun, wal gorfachuun dansaadha jedheen amana. wanni dagachuu hin qabne garuu, carraalee wayyaanee mogolee jalaa kaasuuf nu gargaaran kanneen, maaliif akka itti fayyadamu dadhabne qorannee isa itti aanuuf of qopheessuun fardii ta’uu isaati. Kanas ta’u sana carraalee nu milqanitti gaabbinnee akka irra hin deebi’amneef hojjachuun murteessaadha.